Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan faayaalee Birrii miiliyoona 4.8’tti tilmaamamu hatuun miliqe to’atame

Finfinnee, Guraandhala 15, 2016 (FBC)- Shakkamaan faayaalee Birrii miiliyoona 4.8’tti tilmaamamu hatuun miliqe to’annoo jala oolfamuun eerame.

Shakkamaan yakkicha raawwate Magalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Araadaa Mana Daldalaa Warqee tokkotti hojii to’annoo kan hojjetu yoo ta’u Amajjii 18, 2016 galgala hojjettoonni mana warqichaa gara manaa wayita galanitti faayaalee warqii kaaraatii garagaraa Birrii miiliyoona 4.8’tti tilmaamaman hatuun miliqeera.

Dabaltaan Faayaalee Meetii Birrii kuma 150’tti tilmaamamanii fi maallaqa callaa kuma 22 hatuun eerameera.

Shakkaman teessoo jijijjiirratee dhokatee jiraachaa turuun buufata konkolaataa Magaalaa Finfinnee Naannawaa Laambaratitti imalaaf utuu qophaa’uu halkan keessaa sa’aatii 10:00’tti to’annoo jala oolfamuun ibsameera.

Faayaalee hataman keessaa Warqee Giraama 552 fi faaya Meetii 189 mana Adaadaa isaa koornisii keessa dhokfamee argamuun eerameera.

Akkasumaas maallaqni herrega baankii isaarratti argamu akka ugguramu taasifamuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.