Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan sanada Sobaa qopheessuun itti fayyadamaa turee fi yakka malaammaltummaan shakkame to’atame

Finfinnee, Bitootessa 6, 2016 (FBC) – Shakkamaan sanada Sobaa qopheessuu itti fayyadamaa turee fi yakka malaammaltummaan shakkame to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Shakkamaan Nagaash Ahimad jedhamu Kutaa Magaalaa Qiirqoos aanaa 8tti sanada sobaa garaagaraa qopheessaa ture waliin to’atamuu ibsameera.

Shakkamaan kun maqaa Koollejjotaa, Dhaabbilee fi Yuunivarsiitiwwan garaagaraan chaappaa 65, eeyyama osoo hin qabaatiin ogeessa Herreegaa fakkaachuu herreega waggaa dhaabbilee adda addaa hojjechuun Xaaliyaa Waajjiraalee galiiwwaniif barreesse 62 fi Paadii sobaa 44 , ragaa Barootaa sobaa fuula 38, waraqaa Eenyummaa sobaa namoota adda addaaf qopheesse 10, Cheekiwwan maqaa Baankoota garaagaraan qopheessee fi meeshaalee sanadoota kaneen ittiin qopheessaa ture waliin harkaaf harkatti to’atamuu ibseera.

Tiitaraa fi Chaappawwan maqaa dhaabbilee 80 oliin qopheessee itti fayyadamaa turuu eerameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.