Fana: At a Speed of Life!

Shakkamtoonni Birrii miiliyoona 2 ol waliin qabaman

Finfinnee, Muddee 17, 2012 (FBC) – Bulchiinsa Magaala Shaashamanneetti qarshiin miiliyoona 2 fi kumni 200 ol qabamuu waajjira poolisii magaalichaa beeksise.

Maallaqichi kan dhaabbata Huccuu Chaayinaa Magaala Bishooftuutti hatamee miliqfame ta’uu Itti gaafatamaan dhimmoota Kommunikeeshinii Qajeelcha Poolisii Magaala Shaashamannee Inispeektar Taammiraat Abbabaa himaniiru.

Shakkamaan maallaqni harkatti qabame keessaa tokko konkolaachisaa dhaabbatichaa yoo ta’u; hiriyaa isaa waliin shariikomuun maallaqicha miliqsuuf yaalani.

Konkolaachisichi hojjettoota lammii Chaayinaa ta’an waliin maallaqa kana torbeetti baankii galchuuf waliin imalaa turani.

Kaleessas haala walfakkaatuun akkuma baankiitti qajeelaniin hiriyaa ofiif bilbiluun dubartoota kanniin cuubeen sodaachisuun maallaqicha miliqsuuf yaalameera.

Konkolaataa dhaabbatichaa magaalaa Maqiitti dhiisuun magaalaa Baatuu bulanii har’a gara magaala Shaashamannee ganda Awaashootti bakka siree qabatanitti eeruu ummataan qabamaniiru.

Akk odeeffannoo Inispeektar Taammiraat irraa argameetti shakkamtoonni kunniin qarshii kana qabatanii Moyyaleerraan gara Keeniyaatti miliquufi.

Qabeenyi shakkamtoonni kunniin dhaabbata Chaayinaa magaala Bishooftutti huccuurratti hojjaturraa miliqsuuf yaalan kan biroos yoo jiraate qoratamaa jira jechuun Geetaachaw Mul’ataatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.