Fana: At a Speed of Life!

Shawaa Kaabaatti laftii hin misoomin heektaarri 571 abbootii qabeenyaarraa fuudhame

Finfinnee, Muddee 4, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaatti lafti heektaarri 571 abbootii qabeenya hin misoomsinee harkaa fuudhamuun baankii lafaattii galii ta’uu Waajjirri Invastimantii godinichaa beeksiseera.

Bara 1989 irraa eegalee godinichatti galiin invastimantii irraa argamee Birrii biiliyoona 9.9 qofa ta’uu ibsameera.

Itti gaafatamtuun waajjirichaa aadde Asteer Zawdeen akka ibsanitti, abbootii qabeenyaa lafti irraa fudhatameef akeekkachiisni irra deddeebii laatamaa tureera.

Abbootii qabeenyaa lafa fudhatan hin misoomsin hafan 65 irraa lafti heektaarri 571 fuudhamuun baankii lafaatti galii ta’eera jedhan.

Godinicha keessa qabeenyi olaanaan jiraatuyyuu sochiin galii invastimantii gadi aanadha jedhan.

Bara baajataa 2011 keessa abbootiin qabeenyaa 11 qofti gara godinichaa kan dhufan ta’u ibsaniiru.

Hanga ammaatti hojii dhabdoota kuma 3 qofaaf carraan hojii uumameera jedhan itti gaafatamtittiin.

Yeroo ammaa kana godinicha keessa abbootiin qabeenyaa 276 hojiirra jiru jedhaniiru.

Abbootiin qabeenyaa sababa garagaraan hojii dhaaban 45, 15 ammo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.