Fana: At a Speed of Life!

Sheediiwwan Paarkii Indaastirii Adaamaa hundatti abbootiin qabeenyaan seenanii hojjechaa jiru-Koorporeeshinicha

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC)- Paarkiin Indaastirii Adaamaatti sheediiwwan 19’n argaman hundatti abbootii qabeenyaan seenanii hojjechaa jiraachuu Hojii Raawwachiisaa Koorporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Akiliiluu Taaddasaan ibsan.

Obbo Akiliiluun akka ibsanitti sheediiwwan 19’n paarkichatti argaman hundatti abbootii qabeenyaa biyyaa keessaa fi alaa seenanii hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Paarkichatti lammiilee kuma 7 oliif carraan hojii uumamuu kaasaniiru.

Yeroo amaas abbootii qabeenyaa biyya keessaa hojiilee invsatimantiirratti bobba’uu barbaadaniif lafa misoome hektaara lama qopheessuu ibsan.

Milkaa’inni argame kun koorporeeshinichi heddumminaa damee oomishaa irratti akkasumas filmaatawwan gabaa dabalataan argachuurratti riifoormiiwwan gaggeeffamaniif gumachaa olaanaa akka qaban eeraniiru.

Sheediiwwan paarkichaa kunneenis dhaabbilee Biyyaa keessaa akkasumaas dhaabbilee Noorwey, Chaayinaa, Hindii fi kanneen biroon qabamuun baatiiwwan 6’n darban oomishaalee biyya keessaa Doolaara miiliyoona 20 oomishamuu himaniiru.

Walitti hidhamiinsii gabaa Doolaara miiliyoona 18 oliis uumamuu beeksisaniiru.

Dooktar Raamiiz Alaakroov koorporeeshiniin misooma paarkiiwwan indaastirii waliin qindoominaan dhimmoota hojjechuu danda’an irratti mari’achuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.