Fana: At a Speed of Life!

Sheek Mahaammad Biin Zayiid Bakka Argisiisa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa daawwatan

Finfinnee, Sadaasa 20, 2016 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa Sheek Mahaammaad Biin Zayiid Al Nahayaaniin Bakka Argisiisaa Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa daawwachiisaniiru.

Dooktar Abiy Gama miidiyaa hawaasummaa isaniin “Hojii Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf karaa Ashaaraa Magariisaatiin hojjechaa jirtu bakka agarsiisaa COP28’tti argamanii daawwachuusaaniif obboleessa koo Sheek Mahaammad Bin Zayed Al Nahyaniin nan galateeffadha” jedhaniiru.

Itiyoophiyaan hojiilee Ashaaraa Magaariisaa ishee argisiisa yaa’ii COP28 irratti beeksisaa jiraachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.