Fana: At a Speed of Life!

Shirri dargaggeessi magaalaa Finfinnee misooma fi nageenyaaf ga’ee isaa akka hin bane xaxame fashalaa’aa jira – Aadde Adaanaach Abeebee

Finfinnee, Fulbaana 4, 2014 (FBC) – Dargaggeessi Finfinnee misoomaa fi nageenya biyya isaatiif shoora akka hin qabaannee fi ga’ee isaa ba’achuu akka hin dandeenye shira xaxamaa ture gochaan caccabsaa jira jedhan Itti aantuu Kaantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee.
 
Dargaggoonni kuma kudhaniin lakkaawaman Raayyaa ittisaatti makamuu fi hedduun ammoo nageenya magaalattiif waardiyyaa dhaabachuun raggaasisaniiru jedhan Fuula Miidiyaa hawaasummaa isaaniin.
 
Har’a “Nageenya magaalaa kiyyaaf waardiyyaa nan dhaabbadha” dhaadannoo jedhuun ijaarama Bilookii guutuummaa magaalaa keenyaatiin dargaggeeyyii kuma 27 shira diinagdee, nageenyaa fi hokkaraa ittisuuf akkasuams leenjii leenjistootaa kan xumuran dargaggoota 262 eebbifamuu kaasaniiru.
 
Eebbifamtoota leenjii isaanii xumuruun guyyaa har’aa eebbifamaniin baga gammaddan njedhaniiru.
 
Milkaa’ina leenjichaaf itti gaafatama isaanii kan ba’an Komishinii poolisii Finfinnee, Biiroo Dargaggootaa fi tola ooltumaa bulchiinsa magaalichaa fi komishinii ispoortii Finfinnee galateeffataniiru.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
 
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.