Fana: At a Speed of Life!

Si’eessituu ispoortii ittisuu fi to’achuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Adoolessa 23, 2012 (FBC) – Si’eessituu ispoortii ittisuu fi to’achuuf waliigalteen mallattaa’e.
 
Waajjirri Farra Si’eessituu Biyyoolessaa si’eessituu ispoortii ittisuu fi to’achuuf waliigaltee mallatteessera.
 
Waliigaltichi kan mallattaa’e Waajjira Farra Si’eessituu Biyyoolessaa, Koomiishinii Ispoortii Oromiyaa fi Koomiishinii Ispoortii Finfinnee waliini.
 
Waliigaltichi ittisaa fi to’annoo dooppiing hojiirra oolchuuf kan gargaarudha.
 
Koomiishinarri Koomiishinii Ispoortii FDRI obbo Eeliyaas Shikuur rakkoo damichaa hiikuuf qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu eeran.
 
Hojiin ittisaa fi to’annoo dooppiing karoora waggaa 10tin akka hammatamu hojjetamaa jiras jedhan.
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.