Fana: At a Speed of Life!

Sirna barnootaa Af-daneessa hojiirra oolchuuf qorannoo taasifamaa jiruuf galtee walitti qabuuf waltajjiin hayyootaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 15, 2015 (FBC) –  Finfinneetti sirna barnootaa Af-daneessa hojiirra oolchuuf qorannoo taasifamaa jiruuf galtee walitti qabuuf waltajjiin hayyootaa gaggeeffamaa jiraachuuibsame.

Sirna barnootaa af-daneessa hojiirra oolchuuf qorannoon  Adoolessa 2014 irraa eegalee  Yuunivarsiitii Kotobeen  gaggeeffame turuu ibsameera.

Qorannichi sirna barnootaa keessatti afaan biyya keessaa 1fi afaan biyya alaa 1 dabaluuf kan gaggeeffame ta’uu Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dooktar Biraanamasqal Xannaa dubbataniiru.

Qorannichi yaada kutaalee hawaasaa garaagaraa akka galteetti fudhachuufi guyyaa har’aas hayyootarraa yaadota walitti qabuuf mariin gaggeeffamaa jiraachuu eeraniiru.

Afaan hawaasummaaf qofa osoo hin taane diinagdeefis barbaachisaa waan ta’eef afaanonni sirna barnootaa keessatti hammataman haalaan itti yaaduun hojiirra kan oolan ta’uu Dooktar Biraanamasqal ibsaniiru.

Hogganaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun gamasaaniin, Yuuniivarsiitiin Kotobee haala hirmaachisaa ta’een qorannoo sirna barnootaa af-daneessaa gaggeessaa turuu yaadachiisaniiru.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Saamu’eel Kifleen, galteen yuuniivarsiitii Kotobeerraa argame warreen kaaniif fakkeenya kan ta’u ta’uu dubbatan.

Daa’imman afaan dhaloota isaaniin barsiisuun karoora imaammataa ta’uu ibsuun, hojiirra oolmaasaarratti mariin kan barbaachisu ta’uu kaasan.

Hayyoonnis yaada beekumsa irratti hundaa’eefi miirarraa fagaate kennuun hojii galtee walitti qabuu kanaaf gahee isaanii akka ba’atan yaadachiisuu ragaan waajjira kantiibaa magaalichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.