Fana: At a Speed of Life!

Sirna ce’umsa haqaa hojiirra oolchuun olaantummaa seeraa mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba jedhame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2015 (FBC) – Sirna ce’umsa haqaa hojiirra oolchuun olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi mirga namoomaa kabachiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Dooktar Laggasaa Tulluun ibsan.

Sarbama mirga namoomaa yeroo garaagaraa raawwatee fi waldhabdee jiru sirna ce’umsa haqaa hirmaachisaa ta’een hiikuun faayidaa qabeessa qofa osoo hin taane jijjiirrama biyyaa dhugoonsuuf qooda qabaachuu Dooktar Laggasaan eeraniiru.

Ityoophiyaatti sarbama mirga namoomaa raawwatan, miidhaa, godaannisa ture, haqa jallate,nageenyaa fi araara bu’uura akkaataa taasiseen adeemsa ce’umsa haqaa hunda galeessa ta’een hiikuun ijaarsa nageenyaa, misooma itti fufaa, hariiroo hawaasummaa fi ijaarsa biyyaaf ga’ee olaanaa qabaachuu eeraniiru.

Kun akka milkaa’u hirmaachisummaan, miidhamtoota haala giddu galeessa godhateen, muxxannoo idil addunyaa, qajeeltoowwan karaa kabajee fi haala qabatamaa biyyaa akkaataa bu’uura taasiiseen Imaammata Ce’umsa Haqaa dursuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Hirmaannaan lammiilee hundaa barbaachisaa ta’uu isaan waltajjiiwwan gaggeeffamanirratti akka argaman waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.