Fana: At a Speed of Life!

Sirna Gadaa barnootan laachuuf qophiin xumuramu ibsame

Finfinnee, Onkooleessa 4, 2013 (FBC)- Sirna Gadaa akka gosaa barnoota tokkootti barsiisuuf karoora qabamee hojiirra olchuuf qophiin xumuramu naannoon Oromiyaa beeksise.

Sadarkaa itti aanaa preezdantiitti Qindeessaan Kilaastara hawaasummaa obbo Addisuu Araggaa turtii Faanaa Broodkaasting Koorporeet waliin taasisaniin, sirna gadaa barattoota kutaa 1 hanga 8tti jiraaniif barnootan laachuuf qophiin kitaabaa xumurameera jedhan.

Kitaaboota qophaa’an irratti ajandaawwan sirna demookirasii yeroo dheeraaf uummata Oromoo keessatti hojirra oola turee,namoota giddutti wal jaalalaa uumuu fi wal kabajuun akka jiraatuu akkasumaas mirgi namoomaa akka kabajamuu kan gargaaruu ajandoolee heeddu of keessatti qabachuu ibsaniiru.

Abbaan Gadaa godina Booraan aanaa Anaareeroo Guyyoo Gobaabulee, sirna Gadaa barnootatti dabaluun dhaloota wal kabajuu, dirqamaa fi mirgaa isaa beekuu akkasumas uummataasa kan jaallatu uumuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru.

Sirni Gadaa rakkoowwan hawaasumma, diinagdee fi siyaasaa hambisuun ni danda’aa jedhameera.

Tigist Silashiitu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.