Fana: At a Speed of Life!

Sirna kabaja Ayyaana Iid Alfaxiiriif Daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an ifooman

Finfinnee, Ebla 1, 2016 (FBC)-Ayyaanaa Iid Alfaxiir 1445ffaa sababeeffachuun Sirni Solaataa ayyaanichaa eegalamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaattotaaf cufaa ta’an Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifomseera.

Haaluma kanaan Daandiwwan:-

• Piyaasaa-Daandii Charchil irraan gara lagahaar kan geessuu Addaabaabyii Tewoodiroositti,

• Gootaraarraa gara Istaadiyamii kan geessu Siniimaa Agoonaatti

• Meeksiikoo irraa gara Lagahaar kan geessuu Addabaabaayii Meeksiikootti

• Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa irraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu ibsaa Paarlaamaatti

• Olompiyaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu Addabaabayii Olompiyaa karaa olii fi gadiin akkasumaas bitaa fi mirgaan

• Magganaanyaa irraan gara Mana Amantaa Uraa’elitti kan geessu Qaxxaamura 22’tti

• Sheelii Xiqur Anbassaa irraa gara Lagaahaar kan geessu Sheelii Xiqur Anbassaa cinaatti

• Siginal irraan Abuwaaree fi Kaashaanchitti kan geessu Addabaabaayii Dubartootaatti

• Masqal Filaawor irraa gara Addabaabaayii Masqalaatti kan geessu Addabaabaayii Gaazeebootti

• Daandii haaraa Qeeraarraan gara Mana Amantaa Qiirqoositti kan geessuu maqa Mana Amantaa Qiirqoositti

• Geejjaa Safariin-Sangaa Taraarraa gara Lagahaaritti konkolaattota dhufaniif mana waliin jireenyaa 40/60 Sangaa Taraatti

• Abinnat-Geejjaa Safarirraa gara Tiyaatira Biyyaalessaa kan geesuu naannawaa Goommaa Quxxabaatti,

• Mana Amantaa Takilaahaymaanotirraa Meetiroloojiin gara Tiyaatira Biyyaalessaa kan geessu Waajjiraa Meetiroolojiitti,

• Takilahaayimaanot irraa Karraa Duubaa Xiqur Anbassaan gara Tiraatira Biyyaalessaa kan geessuu naannawaa Sheelii Xiqur Anbassatti,
• Takilahaayimaanot irraa daandii keessoo Gollaa Mikaa’eliin gara Lagahaaritti kan geessu Qaxxaamura Gollaa Mikaa’elitti,

Konkolaattoota eyyamaa darbuu hinqabneef barii sa’aatii 10:00 eegalee sirni kabajaa ayyaanichaa hanga xumuramutti cufaa ta’uu beeksiseera.

Hawaasnis odeeffanoo poolisiin kenne hubachuun Miseensonni Poolisii Tiraafikaa daandii filmaata akeekan akka fayyadamanii fi ajaja kennaniif tumsa akka taasisan Poolisiin Magaalaa Finfinnee waamicha dhiyeesseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.