Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalcha barreessaa Gaaddisaa Birruu raawwatame

Finfinnee, Adooleessa 14, 2013 (FBC) – Sirni awwaalcha barreessaa Asoosama Afaan Oromoo jalqabaa Gaaddisaa Birruu Waaqaa mana amantaa Kiristiyaanaa Qulqulluu Yooseefitti raawwatame.
Afaan Oromoodhaan asoosama jalqabaati kan jedhamu Kuusaa Gadoo kan barreessan obbo Gaaddisaa Birruu guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan boqochuun isaanii kan yaadatamuudha.
Sirni awwaalcha har’a bakka maatiin, firoottan, hiriyoonnii fi hawaasni bal’aan argamanitti mana amantaa Kiristiyaanaa Qulqulluu Yooseef naannoo Saariisitti raawwatameera.
Gaaddisaan Birruu abbaa isaa Birruu Waaqaa fi harmee isaa Bijigee Gonfaa irraa bara 1950 A.L.Itti, Godina Arsii, Magaalaa Boqqojjiitti dhalatan.
Obbo Gaaddisaan Kolleejjii Barsiisota Asmaraarraa Dippiloomaa, Yuunvarsiitii Finfinneetii digirii jalqabaa fi digirii 2ffaa Hog-barruun fudhattaniiru.
Obbo Gaaddisaan dhibee Istirookiin qabamanii waggaa lamaaf wallaansarra erga turanii dhalatanii umrii waggaa 63ffaa isaaniitti guyyaa kaleesaa addunyaa kanarraa du’aan boqataniiru.
obbo Gaaddisaan abbaa ijoollee afurii ( dhiira 2, dubara lama) turan.
Obbo Gaaddisaa Birruu bara jireenya isaanii og barruu Afaan Oromoof nama bu’uura jabaa kaa’an keessaa isaan tokko.
Afaan Oromoon nama Asoosama barreessuu eegalan keessaa isaan hangafa.
Asoosama Kuusaa Gadoo jedhamu bara 1983/1991
Galmee jechoota Afaan Oromoo namoota kaan waliin bara 1983/1991
Barruulee birmata jedhamu bara 1985/1993
Kitaaba ‘peace and reconciliation’ jedhamu Afaan Oromoo fi Amaaraatti jijjiiruun bara 1993/2001
Asoosama Dhaamsa Abbaa jedhu bara 1994/2002
Fedhii gamtokkee fi ogbarruu gaggabaaboo biroo 2001/2009
Namummaa fi ogbarruu gaggabaaboo barreessitoota biroo waliin bara 2004/2012
Asoosama ‘burreen bifa tokkoo miti’ jedhu bara 2007/2015 barreessanii maxxansuun dubbiftootaaf ga’aniiru.
Waldaa barreessitoota Oromoo hundeessuu keessatti nama tarree jalqabaarra jiraniidha.
Waldichas Preezdaantii ta’anii waggaa 4’f tajaajilaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.