Fana: At a Speed of Life!

Sirni baniinsa Tapha Guutuu Afrikaa 13ffaa gaggeeffame

Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC)- Sirni baniinsa Tapha Guutuu Afrikaa 13ffaan hanga Bitootessa 13, 2016’tti turu Gaanaa Akraatti gaggeeffameera.

Sirna baniinischaarratti, Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, Komishinaroota Gamtichaa Biroo, Pireezidaantii Gaanaa Naanaa Akuufuu Doon dabalatee keessummoonni fi namoonni bebbeekamoon argamaniiru.

Dorgommicha kan qopheessan Gamtaa Afrikaa, Waldaa Koreewwan Olompikii Afrikaa fi Waldaa Konfedereeshinoota Ispoortii Afrikaa yoo ta’an, tapha kanarratti biyyoonni Afrikaa 54 gosaa ispoortii 29’n kan hirmaatan ta’uu ragaan Ministeera Aadaa fi Ispoortiirraa argame ni mul’isa.

Itiyoophiyaanis gosa Ispoortii sagaliin kan hirmaattu ta’uun eerameera.

Borus Gareen Biyyaalessaa Dubartoota umrii 20 gadii taphni kubbaa miilaa taphatan kan eegamuudha.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.