Fana: At a Speed of Life!

Sirni baniinsa walga’ii waloo Mana Maree lamaanii eegale

Finfinnee, Fulbaana 30, 2015 (FBC) – Manni Maree Federeeshinii fi Bakka bu’oota Ummataa sirna baniinsa Walga’ii waloo eegalaniiru.
Manneen maree kunneen walga’ii waloo 6ffaa bara hojii 2ffaa isaanii gaggeessaa jiru.

Pireezidaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen sirna baniinsichaarratti karoora mootummaa ilaalchisee manneen maree lamaaniif ibsa ni taasiisuun eegama.

Saganticharratti Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, bakka buutoonni dhaabbilee adda addaa, abbootiin Amantaalee fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.