Fana: At a Speed of Life!

Sirni waliigaltee abbootii carraa manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 har’aa eegalee ni gaggeeffama

Finfinnee, Amajjii 1, 2015 (FBC) – Sirni waliigaltee abbootii carraa manneen waliin jireenyaa 20/80 fi 40/60 har’aa eegalee guyyoota 60f kan gaggeeffamu ta’uu Biiroon Misooma Manneenii magaalaa Finfinnee beeksise.

Biiroon Misooma Manneenii magaalaa Finfinnee Manneen Waliin jireenyaa 20/80 yeroo 14ffaa fi 40/60 yeroo 3ffaa Baatii Sadaasaa 2015 abbootii carraaf dabarsee ture.

Manneen waliin jireenyaa 20/80 kumni 18 fi 930 fi 40/60 kumni 6 fi 843 abbootii carraaf dabarfamuun kan yaadatamuudha.

Namoonni carraan ba’eef har’aa eegalee baatii 2’f biiricha waliin waliigaltee kan taasiisan ta’uu ibsameera.

Jiraattoonni carraa ba’ee Mooraa Korporeeshinii Misooma Mannee Finfinnee Kutaa magaalaa Booleetti argamutti qaamaan dhiyaachuun walii galtee akka raawwatan beeksiseera.

Namoonni yeroo jedhame keessatti walii galtee hin raawwanne carraan isaanii kan haqamu ta’uu korporeeshinichi hubachiiseera.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.