Fana: At a Speed of Life!

Sirreeffamni gatii gurgurtaa qinxaaboo boba’aa taasifame

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC)- Finfinneetti sirreeffamni gatii gurgurtaa qinxaaboo boba’aa taasifamuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiisa Naannawaa Beeksise.

Gatiin gurgurtaa qinxaaboo boba’aa har’a halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa hanga Caamsaa 30, 2015tti kan turu ifoomseera.

Haaluma kanaan, liitiriitti Beenzilli Birrii 69.43, Naaftaa Adiin Birrii 71.08, Keeroosiiniin Birrii 71.08, boba’aan xiyyaara Birrii 66.60, Naaftaan Gurraachi Salphaan Birrii 57.84, Naaftaan Gurraachi ulfaataan Birrii 56 .50 kan gurguramu ta’uu ibseera.

Gama biraatiin konkolaattonni fayyadamtootaa deeggarsaa ta’an marsaa kanaan gatii boba’aa dabalaataa akka kaffalan waan hintaasifamneef hammii deeggarsaa taasifamuuf akka dabalu ibseera.

Gatiin boba’aa haaraan wayita hojiirra oolu kanaan dura kaffaltiin deeggarsaa konkolaattota fayyadamtoota Beenzilaaf taasifamaa ture Liitiriitti Birrii 17.22 irraa gara Birrii 25.47 guddateera.

Konkolaattota fayyadamtoota Naaftaaf ammoo Liitiriitti Birrii 22.68 irraa gara Birrii 26.47tti kan guddate ta’uun ibsameera.

Ta’us, kaffalii taarifaa geejjibaa hawaasarratti daballiin kamuu kan hintaasifne ta’uu eeruun, qaamoleen hunduu gahee hordoffii fi to’annoo taasisan akka bahatan hubachiiseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.