Fana: At a Speed of Life!

Soorettiin lammii veetinaam Doolaara biiliyoona 44 burjaajessite du’aan akka adabamtu itti murtaa’e

Finfinnee, Ebla 3, 2016 (FBC)- Soorettiin lammii veetinaam Doolaara biiliyoona 44 burjaajessite du’aan akka adabamtu Manni Murtii biyyattii itti murteesse.

Soorettiin umrii 67 Tiru’oongi Maay jedhamtu faayidaa hinmalle argachuuf biyyattiitti kan argamu Baankii Saayigoon jedhamutti waggoota 11’f samicha gaggeessaa turuun ibsameera.

Mallaqaa waliin dhahame keessa Doolaara biiliyoona 27 kan ta’u akka deebisan murtiin kennamus, abbaan alangaa maallaqicha deebisuu akka hindandeenye mirkaneessuun du’aan akka adabaman itti murteessuun ibsameera.

Yakki soorettiin kun hojjette walxaxaa yoo ta’u waliigalaan Doolaara biiliyoona 44 burjaajessuun Lammii Veetinaam du’aan akka dabaman itti murtaa’e kan jalqaba akka ta’an gabaafameera.

Dhaabbannii iccitii Tiru’oongi Maay, qabeenyaa miliqse fayyadamuun mallaqa fudhatan kan deebisan yoo ta’e adabbiin du’aa itti murteeffame hafuu akka danda’uu ibsameera.

Adeemsa himannaa kana irratti abbootiin alangaa 100 fi abukaatonni 200 hirmaachuun eerameera.

Akkasumas raga baatonni kuma 2 fi 700 jecha isaanii akka kennan waraqaan waamichaa ga’uu, ragaaleen sanadaa kiiloo giraamaa kuma 5 fi 400 ulfaataan saanduqa 104’n dhiyaachuun himameera.

Adeemsa yakka ilaalchaa olaanaa fi Veetinaamitti keessummaadha jedhame kanarratti Tiru’oongi Maay waliin namoota 85 irratti himanni banamuu The Guardian fi BBC’n gabaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.