Fana: At a Speed of Life!

Sosochiin nageenya tiraafikaa Magaalaa Shaggaritti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Amajjii 28, 2015 (FBC)- Sosochii nageenya tiraafikaa akka Magaalaa Shaggaritti Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti dhaadannoo “Dogoggora kootiin lubbuun nama tokkoo balaa tiraafikaatiin darbuu hinqabnu” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Sagantaa kanarrattis waldorgommii gugsii fardaa, fiigichaa fi kanneen birootiin gaggeeffameera.

Sosochichi Kutaa Magaalaa Gafarsaa Gujeetti kan gaggeeffameef balaa tiraafikaatiin guyyaa tokkotti lubbuun namoota 11 darbuurraan akka ta’e Itti Gaafatamaan Ejensii Geejjibaa  Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo Obbo Moosisaa Abdiisaa dubbataniiru.

Dabalataan nageenya tiraafikaa kutaalee magaala sadeen jechuunis Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnoo, Buraayyuu fi Gafarsa Gujee keessatti muudatu furuuf hubannoo hawaasaa cimsuuf akka ta’e himaniiru.

Konkolaachistoonni dogoggora isaatiin namni tokko lubbuu akka hindhabneef xiyyeffannoo kennuun konkolaachisuu akka qaban dhaamaniiru.

Tasfaayee Ijjiguutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.