Fana: At a Speed of Life!

Sudaan dhimma hidha haaromsaa guddichaan walqabsiisee adda addummaa jiru Gamtaan Afrikaa furmaataa akka laatuuf amantaa qabdu ibsite

Finfinnee, Eebila 19, 2013 (FBC)-Ityoophiyaatti dhimma Hidha Haaromsaa Guddichaa Ityoophiyaa waliin walqabisiisee Sudaan adda addummaa jiru mariisisummaa Gamtaa Afrikaatin ni hiikama kan jedhu amantaa qabdu ibsiteetti.

Dhimmi hidhichaan mariisisuummaa Gamtaa Afrikaati furmaata bu’a qabeessa ta’ee fi aariifataarra akka ga’amuu akka amantuu beeksifteetti.

Mariin sadeenii mata duree ‘Rakkoo Afrikaanootaaf furmaannii Afrikaanoota’ jedhuu akka itti fufuuf fedhii qabachuu Sudaan ibsiteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Sudaan ibsa baaseen, murtoo fi hojimataa Gamtaa Afrikaa kan dinqisifatuu ta’u ibseera.

Kana hordofee jilli Ministira Dhimma Alaatin durfamuu ejjeennoo Sudaan hubachiisuuf gara Demookraatik Rippabiliik Koongoo, Keeniyaa, Ruwaandaa fi Ugaandaa akka ergan ta’uu Sunaan gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.