Fana: At a Speed of Life!

Sudaan keessatti ammas waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota sadan itti aananiif dheerate

Finfinnee, Eebla 20, 2015 (FBC) – Sudaan keessatti ammas waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota sadan itti aananiif dheerachuu ibsameera.

Jeneraalonni lameen dhukaasa dhaabuurratti walta’uu wayita ibsan kun yeroo afraffaadha.

Ammas waliigalteen dhukaasa dhaabuu ibsamee sa’atii muraasa booda dhukaasi gurguddaan dhagahamaa jiraachuu jiraattonni Kaartuum himuu BBCn gabaaseera.

Waliigalteewwan dhukaasa dhaabuu kanaan duraa akka lammiileen kumaatamaan lakkaa’aman biyyattii keessaa ba’aniif haala mijeesseera, biyyoonni hedduun lammiileesaanii baasaniiru, baasaas jiru jedhame.

Waraanni magaalaa guddoo biyyattii Kaartuum keessatti eegale, kara lixa Daarfuuritti babal’ataa akka jiru ibsameera.

Waraana kanaan yoo xiqqaate namoonni 512 ajjeefamuu fi namoonni kumni 4 fi 200 caalan madaa’uu ibsameera.

Waldhabdeen Sudaan mudate jaarsummaan hiikuuf biyyoonni gaaffii dhiheessaa jiru.

Sudaan Kibbaa dhibdee biyya ollaashee kana jaarsummaan fixuuf kan affeerte yoo ta’u, gareen wal-waraanaa jiranis bakka bu’ootasaanii jaarsummaa kanarratti hirmaatan erguuf waliigalaniiru.

Ityoophiyaa, Sudaan Kibbaa fi Ameerikaan biyyoota gaaffii dhiyeessan keessaa isaan duraa ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.