Fana: At a Speed of Life!

Sudaanitti mootummaa ce’umsaa hundeessuuf humna waraanaa marii siyaasaa keessaa kan baasan ta’uu Al Burhaan ibsan

Finfinnee, Waxabajjii 28, 2014 (FBC) – Sudaanitti mootummaa ce’umsaa hundeessuuf humna waraanaa marii siyaasaa keessaa kan baasan ta’uu hogganaan waraana biyyattii Abdulfattaa Al Burhaan ibsan.

Sudaanitti namoonni siyaasaa fi warraaqsaa mootummaa ce’umsaa hundeessuuf mariirra jiraachuu dhaga’ame.

Biyyattiitti bulchiinsi mootummaa haaraan erga hundeeffamee booda mana maree ce’umsaa kan diigamu ta’uu Al Burhaan eeraniiru.

Al Burhaan murtoo kanarra kan ga’an waltajjiin marii jeequmsa siyaasaa biyyattiitti uumame furuuf kaayyeffate gaggeeffamuu erga eegalee baatii tokkoon booda ta’uu CGTN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.