Fana: At a Speed of Life!

Suuqiiwwan gatii simmintoo taarifaa oliin gurguraa turan 89 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinneetti suuqiiwwan gatii simmintoo taarifaa kaa’ameen ol gurguraa turan 89 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ibsame.

Taariifaa mootummaan gatii simmintoo suuqiiwwan raabsistootaa fi qinxaaboof baasee darbuun gurguraa turan 89 irratti tarkaanfiin fudhatamuu Biiroon Daldalaa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Biirichi taarifaa gatii simmiintoo Suuqiiwwan raabsitootaa fi qinxaaboof baasee irratti irra deddeebiin marii taasisaa turuu ibseera.

Haa ta’uu malee kutaa magaalaa Niifaas Silkii Laaftoo fi Lammii Kuraatti suuqiwwan taarifaa ol gurguraa turanii fi Oomishaa dhoksan 89 irratti tarkaanfiin fudhatamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.