Fana: At a Speed of Life!

Taaksii biyya keessaarraa galiin Birrii biiliyoona 168.27 walitti qabame

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)-Baatiiwwan ja’an darban taaksii biyya keessaarraa Birrii biiliyoonni 167.27 walitti qabamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Ministir Deetaan Damee Sirna Taaksii Tasfaayee Tulluun akka ibsanitti, baatiiwwan ja’an darbanitti taaksii biyya keessaarraa galii Birrii biiliyoona 167.44 walitti qabuuf karoorfamee Birrii biiliyoonni 168.27 walitti qabameera.

Haaluma kanaan karooricha %100 ol raawwachuu eeranii, galiin walitti qabame kan bara darbeen yoo walbira madaalamu Birrii biiliyoona 29.46 caalmaa akka qabu kaasaniiru.

Galii diinagdeen biyyattii maddisiisuun taaksii walitti qabuurratti hanqinaaleen jiraachuu eeruu ragaan inisteericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.