Fana: At a Speed of Life!

Taanzaaniyaatti roobaan balaa lolaa fi sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 155 darbe

Finfinnee, Ebla 18, 2016 (FBC) – Taanzaaniyaatti Rooba cimaa roobuu hordofee balaa lolaa fi sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 155 darbuu ibsameera.

Namoonni 236 ol miidhaa qaamaa cimaaf saaxilamuu Ministirri Muummee biyyattii Qaasim Maajaaliwaan ibsaniiru.

Namoonni kumni 200 ol qa’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uu fi qabeenyi hedduun manca’uun eerameera.

Kana malees abbootiin warraa kumni 51 ol rakkoof saaxilamuu Al Jaziiraa fi BBCn gabaasaniiru.

Tibbana biyyoota Baha Afrikaa garaagaraa keessatti roobni cimaan roobaa jiru namaa fi qabeenyarraan miidhaa adda addaa qaqqabsiisaa jiraachuun eerameera.

Keeniyaatti Rooba cimaa roobuu hordofee lolaa mudateen lubbuun namootaa 45 darbuun ni yaadatama.

Burundiittis balaa lolaa mudateen namoonni kumni 100 ol qe’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uutu gabaafame.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.