Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilichi Hoggantootaa fi hojjettoota namuusa cabsan 52 irratti tarkaanfii fudhachuu beeksise

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Baatiwwan 9 darban Hoggantootaa fi hojjettoota namuusa hojii cabsuun eeruun irratti dhiyaate 95 keessaa 36 irratti tarkaanfii fudhachuu Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksiise.
Hoggantootaa fi Hojjetoota 96 eeruun irratti dhiyaate keessaa 36 irratti tarkaanfiin fudhatamuu tajaajlichi ibseera.
Dabalataan hoggantootaa fi hojjettoota bara 2015 eeruun irratti dhiyaatee dhimmi isaanii ilaallamaa ture 16 irrattis tarkaanfiin bulchiinsaa fudhatamuu eerera.
Haaluma kana namoota 17’f barreeffamni of eegannoo, 31 adabbiin mindaa, 2 hojiirraa gaggeeffamuu fi hojjettan 1 sadarkaarraa kaa’uu himeera.
Dhimmi hojjettootaa fi hoggantoota 54 ilaallamaa jiraachuu ragaan tajaajilicharraa argame ni mul’isa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.