Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli lammummaa duudhaa sirna Gadaarraa fudhatameedha – Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Caamsaa 18, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti Kenniinsi Tajjajila Lammuummaa fi Ashaaraa Magariisaa gannaa dhufuu mata duree ‘kootta Oromiyaa haa uwwisnuu’ jedhuun eegaleera.
Kenni tajaajila lammuummaa fi Ashaaraa magariisaa bara kanaa akka naannoo Oromiyaatti guyyaa har’aa preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee bakka hooggantoonni olaanoon naannolee argamanitti jalqabeera.
Preezdaantiin Bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa sagantaa kanarratti haasaa taasisaniin “tajaajilli lammummaa duudhaa sirna gadaa irraa kan fudhatame ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila lammummaa bara darbeen hojiin Birrii bil. 28 ol olitti tilmaamamu hojjetamuu himaniiru.
Bara kanas tajaajila lammummaa Birrii bil 40 ol raawwachuuf karoorfamuu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaa ganna darbe caalaa misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru.
Obbo Shimallis kana booda qamadii hin kadhannu Teeknooolojii fayyadamnee hojjechuun biyyoota ollaas nyaachisuu qabna jedhan.
Xiiqiin hojjennee uummata keenya gabrumaa jalaa ni baafna jedhan.
Aarsaa barbaachisu kaffallee bilisummaa fi sabboonumman ni eegsifna jechuun dubbatan.
Diinoonni keenya keessaa fi alaa hojii gurguddaa fuuldura keenya jiru filannoo, hidha haaromsaa akka hin milkoofne gochuuf hojjechaa jiru garuu abadan hin milkaa’an jedhaniiru.
Hoggantoonni naannolee Amaaraa, Kibbaa fi Sidaamaa saganticharratti yaada isaanii ibsaniin “Ityoophiyaa addaan qoqqoodamte uumuuf kanneen hojjetan qaaneessuuf tokkummaan Ityoophiyummaa keenyaa cimuu akka qabu” dubbataniiru.
Jijjiirrama qabeenya qilleensaa ittisuuf biqiltuun biiliyoonni 4 ol akka naannoo Oromiyaa Godina addaa Oromiyaa naannawaa Finfinnee aanaa walmaraa bosona Subbaa sabbataatti eegalamee jira.
Rakkoo wabii nyaataa, walitti bu’iinsa naannawaa fi balaa lolaa ittisuuf ga’een ashaaraa magariisaa olaanaa ta’uunis ibsameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.