Fana: At a Speed of Life!

Tajaajilli tola ooltummaa akka cimu deeggarsa barbaachisu ni taasiifna – Aadde Adaanach Abeebee

Finfinnee, Adoolessa 2, 2015 (FBC) – Tajaajilli tola ooltummaa dargaggoota biratti aadaa ta’aa dhufe akka cimu deeggarsa barbaachisu ni taasiifna jedhan Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen.

Feestivaalli Ispoortii mata duree ‘tajaajila tola ooltummaa cimsuun olka’iinsa Ityoophiyaa ni mirkaneessina’ jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Kantibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee fi Itti Aanaa Kantibaa magaalichaa Obbo Zyaanxiraar Abbay dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa Feestivaalicharratti hirmaataniiru.

Tajaajilli tola ooltummaa dargaggoota biratti aadaa ta’aa dhufe caalmaatti akka cimu deeggarsa barbaachisu ni taasiifna jedhan Aadde Adaanach Abeebeen.

Hojii kanaan bu’aa qabatamaan argamuu ibsaniiru.

Dargaggoonni fedhii ofiin hawaasa tajaajiluuf kaka’umsa qabaniif deeggarsaa fi kabaja olaanaa qabna jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.