Fana: At a Speed of Life!

Tamirri qulqullinni isaa hin eegamneefi same gabaaf dhiyaachuuf ture mana nama dhuunfaa keessatti to’atame- Poolisii

Finfinnee, Bitootessa 21, 2015(FBC)- Tamirri qulqullinni isaa hin eegamneefi same gabaaf dhiyaachuuf ture mana nama dhuunfaa keessatti to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Dhimmicha waliin walqabatee namoonni lama to’annaa jala ooluus ibsameera.

Shakkamtoonni kunneen Bitootessa 21, 2015 Kutaa Magaalaa Addis Katamaa aanaa 10 naannoo Taayiwaan jedhamuun beekamutti ta’uu ibsameera.

Shakkamtoonni kunneen man kuusaa mana jireenyaa isaanii keessa tamirii fayyaa hawaasaarra miidhaa geessisuu danda’uufi qulqullinni isaa hin eegamne peestaalaan saamsuun daldaltootatti erga gurguranii booda daldaltoonni tamirichi kan same ta’uu erga hubataniin booda eeruu poolisiif kennaniin to’atamuu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.