Fana: At a Speed of Life!

Tamsa’inni Omikiroon dabala dhufuu hordofee biyyoonni sochii kabaja bara haara daangeessaa jiru

Finfinnee, Muddee 22, 2014 (FBC)- Tamsa’inni Omikiroon dabala dhufuu hordofee biyyoonni sochii kabaja bara haara daangeessaa jiraachuu ibsameera.

Barrii haaraan Faranjootaa wayita kabajamuutti sadarkaa idil addunyaatti lakkoofsi namoota COVID-19 qabamanii dabalaa jira.

Guyyoota 7 darban keessaatti namoonni miiliyoonni 7.3 ol dhibichaan qabamuun isaanii beekameera.

Kana hordofee biyyoonni hedduun qophiilee simannaa bara haaraa haqaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo amma kana vaayrasiin Omikiroon sadarkaa idil addunyaatti tamsa’ina isaa ni hir’isa jedhamuus guyyoota dhiyoo keessaatti lakkoofsi dhukkubsattoota vaayrasicha Ameerikaa, Birtaaniyaa, Faransaayii fi biyyoota Awrooppaa keessaatti dabala jira.

Maddi:-TRT

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.