Fana: At a Speed of Life!

Tapha ijibbaachisaa har’aa Seneegaalii fi Kootdivaar gidduutti gaggeeffamu

Finfinnee, Amajjii 20, 2016 (FBC)-Tapha Waancaa Afrikaa galgala har’aan taphi ijibbaachisaan Seneegaal Saadiyoo Maanee qabattee fi Kootdiivaar qopheessituu Waancichaa gidduutti gaggeeffamaa xiyyeeffanaa olaanaa argateera.

Tapha waancaa Afrikaa 34ffaa har’a galgalaa gara nuusa xumuratti darbuuf taphoonni lama ni taphatamu.

Bara kana Waancaa Afrikaarratti yeroo 3ffaaf hirmaachaa kan jirtu Mooriitaaniyaan galgala sa’aatii 2:00’tti Keeppiverdee waliin morkiin taasiftu xiyyeeffannaa argateera.

Mooriitaaniyaan seenaa Waancaa Kubbaa Miilaa Afrikaa keessatti marsaa kanaaf yoo geessu kan jalqabaati.

Keeppiverdeen bara kana Waancaa Afrikaarratti yeroo 4ffaaf qooda fudhachaa kan jirtu yoo ta’u, taphoota ramaddiitiin biyyoota waancaaf xiyyeeffannaa argatan irraa qabxii fudhachuun ramaddii isheerraa olaantummaan xumurtee tapha marsaa kanaaf qaqqabuun xiyyeeffannaa argatteeti.

Biyyoonni lamaan kanaan dura tapha torba waliin taasisaniin sadi qixa wal injifataniiru.

Tapha galgala kana jaalattoota kubbaa miilaa biratti si’oominaan eegamaa jiru taphni Shaampiyoonaan bara darbee Seneegaal, qopheessituu waancaa bara kanaa Kootdiivaar waliin taasisaan galgala kana sa’aatii 5:00’tti gaggeeffama.

Waggoota 65 booda waancaa Afrikaa kan fudhatte Seneegaal bara kana waancaa kana lammeeffachuu dandeessiin eegamti.

Seneegaal Waancaa Afrikaa 34ffaa kanaan biyya taphoota ramaddii sadanuu ijifachuu dandeessedha.

Kootdivaar gama isheetiin dirree fi deeggartoota ishee fuulduratti taphattus gahumsa gadaanaa agarsiisuun marsaa kanaaf geesse.

Biyyoonni lamaan kanaan dura taphoota 21 waliin taasisaniin Seneegaal yeroo 6 yoo injifattu, Kootdivaar yeroo 12 injifachuu dandeesseetti.

Taphoota kana keessaa ammoo Seneegaal dirree Kootdiivaarirratti injifattee hinbeektu.

Hanga ammaatti Naayijeeriyaa, Angoolaa, Giinii fi Rippaabilkii diimookiraatawaa Koongoon tapha nuusa xumuraaf ga’aniiru.

Dajanuu Gonfaatiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.