Fana: At a Speed of Life!

Tapha Miira masaanummaa jabaa Maanchiister Yuunaayitiid fi Maanchiister Siitii har’a si’oominaan eegamu

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2016 (FBC) – Taphoota Pirimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 10ffaan taphni Kilabootni masaanuun lamaan taasiisan xiyyeeffannoo argateera.

Taphni Maanchuriyaan darbii kun har’a sa’aatii 12:30 eegalee gaggeeffama.

Maanchiistar Siitiin falmii Waancaa Liigichaa argachuuf taasiisu cimsachuuf taphichaaf xiyyeeffannoo addaa laachuu ibsameera.

Yuunaayitiid ga’umsa gadi aanaarratti argamuun isaa tilmaamni injifannoo Siitiif kennamaa jira.

Kilabootni lamaan hanga ammaatti yeroo 190 walmorkachuun Maanchiistar Yuunayitid yeroo 78, Siitiin yeroo 59 wal-injifachuun yeroo 53 qixa bahaniiru.

Har’a yeroo 191ffaaf falmiin dirree Olditiraafoorditti taasiisan miiraan eegamaa jira.

Maddi:- Sky Sport + BBC Sport

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.