Fana: At a Speed of Life!

Tapha nuusa xumuraaf taphni Seneegaal fi Ingiliz ni eegama

Finfinnee, Sadaasa 25, 2015 (FBC)- Tapha Waancaa Addunyaa 22ffaa itti fufee taphatamaa jiruun guyyaa har’aa tapha nuusa xumuraaf morkii Seneegaal taasiftu dabalatee taphoonni lama ni taphatamu.

Haaluma kanaan galgala sa’aatii 12:00 irratti Faransaay fi Poolandi tapha nuusa xumuraaf wal morkatu.

Akkasumas halkan sa’aatii 4:00 irratti Seneegaal tapha nuusa xumuraaf Ingiliz waliin ni taphatti.

Kaleessa tapha mo’atanii darbuu gaggeeffameen Neezerlaandi 3 fi 1’n Ameerikaa yoo injifattu, Arjantiinaan Awustiraaliyaa 2 fi 1’n injifachuun tapha nuusa xumuraaf darbaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.