Fana: At a Speed of Life!

Tapha Waancaa Addunyaa har’aan biyyoonni Afrikaa 2 ni taphatu

Finfinnee, Sadaasa 23, 2015(FBC)- Tapha Waancaa Addunyaa mo’atanii darbuu guyyaa har’aa taphatamuun biyyoota Afrikaa 2 dabalatee taphoonni afur ni gaggeeffamu.

Ramaddii 7ffaan tapha mo’atanii darbuuf gahuushee dursitee kan mirkaneeffatte Biraaziil tapha 3ffaa ramaddiishee Kaameeruun waliin galgal’a sa’aatii 4:ootti ni taphatti.

Sa’aatuma walfakkaataatti Sarbiyaafi Siiwuzarlaand kan walfalmatan ta’a.

Tapha biraan Gaanaafi Uraagaay, Kooriyaan Kibbaafi Poorchuugaal sa’aatii 12:00 irraa eegalee kan taphatan ta’uu sagantaan ba’e ni mul’isa.

Hanga ammaatti gareen kubbaa miilaa biyyoota 12 tapha mo’anii darbuu Waancaa Addunyaa 22ffaaf gahuusaanii mirkaneeffataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.