Fana: At a Speed of Life!

Taphataa du’a ooluun oolmaa guddaa biyyaaf oole – Sabaastiiyaan Haalar

Finfinnee, Guraandhala 4, 2016 (FBC) – Taphataan Sarara fulduraa Iyivoorii Koosti Sabaastiiyaan Haalar dhibee Kaansarii dandamachuun biyyattiin Shaampiyoonaa Waancaa Afrikaa akka taatu gahee olaanaa baheera.

Taphataan sarara fulduraa duraanii Kilaba Ayaaksii fi WeestHaam Sabaastiiyaan Haalar Kilaba Jarman Boorishiiyaa Doortimanditti erga makamee booda bara Faranjootaa 2022 dhibee Kaansarii Teestiikuulaar jedhamuun qabamee ture.

Xinxaala saayinsaawaa dhibichaaf kennamuu fi dhiibbaa taphattootarraatti uumuu danda’u bu’uura taasiisuun taphataan kun umrii waggaa 28ffaarratti barri jireenya isaa akka dhumatu tilmaamamee ture.

Yaa ta’uutii eeyyama uumaa ta’ee imalli Kubbaa Miilaa Haalar akka tilmaamaa osoo hin taane faallaa isaa ta’ee argame.

Haalar bara Faranjootaa 2023 yaala baqaqsanii yaaluu taasiisuun Dhibee Kaansarii isa mudaterraa guutumaan guutuutti fayyuun isaa mirkanaa’e.

Erga dhibicharraa dandamatee booda gara taphaatti deebi’uun ga’umsa ajaa’ibaa agarsiisuu danda’eera.

Waamicha biyyi isaa tapha waancaa Afrikaa 34ffaaf isaaf taasiifte fudhachuun waahillaan isaa waliin seenaa hojjeteera.

Haalar tapha Waancaa Afrikaa 34ffaa kanarratti biyya isaaf oolmaa guddaa ooleera.

Tapha xumuraa Iyivoorii Koosti Naayijeeriyaa waliin eda halkan taphatterratti galchii murteessaa galchuun biyyattiin yeroo 3ffaaf shaampiyoonaa akka taatu gumacha olaanaa taasiiseera.

Waancaan Afrikaa 34ffaan taatewwan addaa keessummeessee olaantumaa Iyivoorii Koostiin xumurameera.

Taphataan ni du’a jedhame Halaris du’a ooluun oolmaa guddaa biyya isaaf ooleera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.