Fana: At a Speed of Life!

Taphni Waanca Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaa galgala kana ni taphatamu

Finfinnee, Guraandhala 27, 2016 (FBC)- Halkan sa’aatii 5:00’tti Deenmaarki Kooppanhaagen gara Ingilaandi imaluun Itihaadirratti shaampiyoonaa bara darbee Maanchiister Siitii waliin morkata.

Tapha marsaa jalqabaatiin Maanchister Siitiin dirree isaan ala imalee Kooppanhaagen galchii 3 fi 1’n injifatee kan deebi’e yoo ta’u, tapha galgala kana Maanchister Siitiin salphumaatti injifatee gara marsaa itti aanuutti darbaan tilmaama argateera.

Seenaa keessatti kilaboonni lamaan taphoota shan waliin taasisaniin Kooppanhaagen Maanchister Siitii injifatee hin beeku.
Tapha sadi Siitiin yoo injifatu, tapha lama qixaan goolabaniiru.
Tapha galgalaa kanaan Jaakii Giriliish malee taphattoonni kilabichaa hunduu qophii ta’uun himameera.

Gama Kooppanhaageniin taphattoonni ja’a miidhamarra jiru jedhameera.

Tapha biroo galgala kana taphatamuun Kilabni Jarman RB Leebzhik gara Ispeen imalee Saantiyaagoo Barnaabawoorratti Riyaal Maadiriid waliin morkata.

Tapha marsaa duraan Riyaal Maadiriid gara Jarman imalee galchii 1 fi 0 injifatee kan dhufe dirree fi deeggartoota isaa fuuldurratti tapha kana olaantummaan ba’aan eegama.

Kilaboonni lamaan Dirree Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awuroopparratti yeroo sadi kan wal argan Riyaal Maadiriid yeroo 2 yoo injifatu, RB Leebzhik yeroo 1 injifateera.

Taphni kilaboota lamaanii halkan sa’aatii 5:00’tti eegala.

Tapha Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaa eda taphatameen PSG fi Baayer Muunik nuusa xumuraaf darbuun ni yaadatama.

Dajanuu Gonfaatiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.