Fana: At a Speed of Life!

Taphni Waancaa Afrikaa har’a xumurama

Finfinnee, Guraandhala 3, 2016 (FBC)-Taphni Waancaa Afrikaa 34ffaan Kootdiivaaritti gaggeeffamaa ture har’a ni goolabama.

Sagantichaan taphni Naayijeeriyaa fi Kootdiivaar gidduutti gaggeeffamu hawwii olaanaan kan eegamuudha.

Amajjii 4 Biyya Lixa Afrikaa Kootdivaariitti biyyoota 24 hirmaachisuun kan eegale waancaan kubbaa miilaa biyyoota Afrikaa 34ffaan galgala kana tapha 52ffaa Qopheessituu waancichaa Kootdivaaroo fi Naayijeeriyaa gidduutti gaggeeffamuun goolaba argata.

Naayijeeriyaan tapha 6 hanga ammaatti taphateen osoo hinmoo’amiin xumuraaf geesse.

Kootdivaar gama isheetiin taphoota ramaddii lama moo’amtee jirti.

Naayijeeriyaan bara 1963 irraa eegalee hanga waancaa Afrikaa 34ffaa kanatti yeroo 20 qooda yoo fudhattu bara 1980, 1994 fi 2013’tti shaampiyoonaa taatee jirti.

Bara kana yeroo 4ffaaf shaampiyoonaa ta’uuf ni morkatti.

Kootdivaar akka bara Faranootaa 1965 irraa eegaluun yeroo 25 hirmaatte bara 1992 fi bara 2015 shaampiyoonaa taatee jirti.
Bara kana yoo injifatte seenaa ishee Naayijeeriyaan walqixxeessiti.

Biyyoonni lamaan kanaan dura taphoota 22 waliin taasisan keessaa Naayijeeriyaan yeroo 8 injifachuun olaantummaa yoo qabaattu, Kootdivaar yeroo 6 injifatte yeroo 8 ammoo qixaan goolabaniiru.

Sadarkaa FIFA’n ji’a ji’aan baasuun Naayijeeriyaan sadarkaa 42ffaarratti yoo argamtu, Kootdivaar sadarkaa 49ffaarratti argamti.

Biyyoonni lamaan halkan sa’aatii 5:00’tti kan walmorkata ta’uun beekameera.

Dajanuu Gonfaatiin

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.