Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni deebii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa har’aa eegaluun ni taphatamu

Finfinnee, Eebla 10, 2015 (FBC) – Taphoonni deebii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa Har’aa fi Boru ni taphatamu.

Har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Taphni Cheelsiin dirree isaarratti Riyaal Maadriid, Naappooli AC Miilaan keessummeessan akkaan eegama.

Kilaboonni lamaan torbee darbe injifatamuun isaaniin falmiin har’a taasiisan si’oominaan akka eegamu taasiiseera.

Taphichi Borus itti fufuun taphni Baayern Muunik dirree isaarratti Maanchiisteer Siitii keessummeessuun xiyyeeffannoo olaanaa argateera.

Siitiin tapha jalqabaa goolii 3 fi 0n injifachuu isaa hordofee walakkaa xumuraaf darbuuf carraa olaanaa qabaachuu ibsameera.

Inter Miilaanis Beenifikaa waliin morkiin taasiisu ni eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.