Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni mo’atanii darbuu kilaboota Awurooppaa galgala kana ni taphatamu

Finfinnee, Guraandhala 12, 2016 (FBC)-Bara darbe Waancaaf ga’ee Maanchister Siitiin kan moo’ame Intar Miilaan, Atileetikoo Maadiriid waliin morkata.
 
Kilaboonni lamaan kanaan dura Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaatiin yeroo 4 waliin morkataanii Atileetikoo Maadiriid sadi injifateera.
 
Sababa miidhamaan dirreerraa kan fagaate Alvaaroo Moraataa tapha galgala kanarratti hiriiruun dhiisuun isaa shakkisiisaadha jedhameera.
 
Gabreel Liwuus sababa dhukkubaan tapha kanaan ala ta’uun beekameera.
Gama Intaar Miilaan Firaansiskoo Acheerbii miidhamaan booda kilabichaaf kan hiriiru yoo ta’u, Isteefaanoo Sensee fi Yuhaan Kuwadiraadoo tapha kanarratti hiriiruu fi dhiisuun adda hinbaane.
 
Tapha biroo Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaa galgala kana taphatamuun ammoo kilabni Hoolandi PSV Ayindoovaan dirree isaarratti Borishiyaa Doortimoondi waliin taphatu.
 
Kilaboonni lamaan kanaan dura dirree tapha Shaampiyoonsi Liigii Kilaboota Awurooppaatiin yeroo 2 waliin morkatanii, taphni tokko injifannoo Borishiyaa Doortimoondiin yoo goolabamu tapha tokko ammoo qixaan xumuraniiru.
 
Taphoonni lamaanuu galgala sa’aatii 5:00’tti ni eegalu.
 
Dajanuu Gonfaatiin
 
#Oromiyaa #Itiyoophiyaa
 
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.