Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 35ffaan tapha har’a Weest Haam Liivarpuul waliin taphatuun eegalama

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 35ffaan tapha har’a waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee Weest Haam Liivarpuul waliin taphatuun eegalama.
Sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Fuulhaam Kiristaal Paalaas, Maanchiister Yuunaayitiid Barnileey, Niwuu Kaastiil Sheefiild,Woolviis Luutan Taawoon waliin taphatu.
Galgala sa’aatii 1:30 eegalee Eevartan Bireentifoord waliin yoo taphatu, halkan sa’aatii 4:00 irraa jalqabee Astoon Viillaan Cheelsii waliin falmata.
Boru waaree booda sa’aatii 10:00 irraa eegalee taphni Kilaboonni Kaaba Landan lamaan Tootenhaam Arsenaal waliin taasiisan hawwiin eegama.
Tootenhaam hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii argachuuf Arsenaal ammoo falmii Waancaa Piriimeer liigichaa cimsachuuf morkiin taasiisan xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 1909 eegalanii taphoota 194 waliin taphatan keessaa Arsenaal yeroo 81 yoo injifatu, Tootenhaam yeroo 61 injifachuun si’a 52 ammoo qixaan xumuraniiru.
Galgala sa’aatii 12:30 eegalee Maanchiister Siitiin Notiingihaam Forest waliin falmiin taasiisan ni eegama.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.