Fana: At a Speed of Life!

Taphoonni torbee jalqabaa Liigii Olaanaa Oromiyaa itti fufaniiru

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Taphoonni torbee jalqabaa liigii olaanaa Oromiyaa Istaadiyamii Wallaggaatti taphatamaa jiru har’as itti fufee gaggeeffamaa ooleera.

Haaluma kanaan taphoonni afur har’a ganama sa’aatii 3:00 irraa eegaluun kan gaggeeffamaa oolaan yoo ta’uu morkii jabaa fi ga’umsi olaanaan kan irratti mul’ate ta’uun ibsameera.

Taphoota har’aa keessaa morkii Gincii fi Goree gidduutti gaggeeffameen Ginciin 1 fi 0’n injifachuu danda’eera.

Akkasumas Leeqaa fi Yuunivarsiitii Dambi Doolloo gidduutti morkii jabaa gaggeeffameen Olaantummaa Leeqaan 3-2 goolabameera.

Tapha Kilaboota Kubbaa Miilaa Ammayyaa fi Hurrumuu gidduutti gaggeeffameen kilaboonni lameen walqixa 1 fi 1’n yoo xumuran, Kilabni Kutaa Magaalaa Sabbataa tapha isaa jalqabaan 3 fi 0’n Hospitaala Odaa Hullee injifateera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.