Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 4ffaan Adaamaan qixa yoo ba’u, Bahaar Daar injifatame

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Taphoota Beetkiing Priimeyar Liigii Ityoophiyaa torbee 4ffaan Adaamaan Buna Sidaamaa waliin qixa yoo ba’u, Bahaa Daar Walqixxeen injifatameera.
Taphoota priimeyar liigichaa torbee 4ffaa har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee gaggaaffameen Walqixeen Bahaar Daar 1 fi 0 injifateera.
Taphni waaree booda sa’aatii 9:00 irraa eegalee magaalaa Adaamaa fi Buna Sidaamaa gidduutti gaggeeffame goolii malee qixa xumurameera.
Liigicha Qidduus Giyoorgisuu qabxii 9 dursaa kan jiru yoo ta’u,Jimmaa Abbaa Jifaar qabxii tokkoon sadarkaa 13ffaarratti argama.
Sabbataan taphni qixxeessituu tokko osoo isa hafuu qabxiii 4 sadarkaa 7ffaa, Adaamaan ammoo qabxii 4 sadarkaa 9ffaarratti argama.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.