Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 28ffaan taphni Liivarpuul Maanchiister Siitii waliin taasiisu hawwiin eegama

Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 28ffaan har’aa eegalee ni taphatama.

Har’a waaree booda sa’aatii 9:30 eegalee taphni Maanchiister Yuunaayitiid Eevartan keessummeessu xiyyeeffannoo argataeera.

Galgala sa’aatii 12:00 irraa jalqabee Boornimaawuuz Sheefiild Yuunaayitiid, Kiristaal Paalaas Luutan Taawoon, Woolviis Fuulhaam waliin kan falmatan yoo ta’uu, sa’aatii 2:30 eegalee taphni Arsenaal Bireentifoordi waliin taasiisu ni eegama.

Boru waaree booda sa’aatii 10 irraa jalqabee Astoon Viilaan Tootanihaam waliin yoo morkatu, sa’aatii 11:00 irraa eegalee Biraayitan Nootiingahaam Forest, Weest Haam Barnileey waliin ni taphatu.

Galgala sa’aatii 12:45 eegalee taphni Liivarpuul Maanchiister Siitii waliin taasiisu hawwiin eegama.

Leenjistootni yeroo ammaa kilaboota lameenio waggoota saddeetan darban yeroo 21 wal-morkataniiru.

Yargan Kiloop yeroo 8 yoo injifatu, Peepp Gaardiyoolaan yeroo 6 injifachuun taphoota 7 ammoo qaxaan xumuraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.