Fana: At a Speed of Life!

Taphoota Pirimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 11ffaan taphni Niwuu Kaastiil Arsenaal, Tootanhaam Cheelsii waliin taphatan akkaan eegama

Finfinnee, Onkololeessa 23, 2016 (FBC) – Taphoonni Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 11ffaan boru waaree boodaa eegalee ni taphatama.

Taphoota Torbee 11ffaa kanaan taphni Sambata duraa sa’aatii 1:30 eegalee Niwuu Kaastiiil Arsenaal, Wiixata halkan sa’aatii 4:00 eegalee Tootanhaam Cheelsii waliin taphatan jaalattoota kubbaa miilaan akkaan eegama.

Boru Waaree booda sa’aatii 8:30 eegalee hanga sa’aatii 1:30tti taphoonni 7 ni taphatamu.

Sa’aatii 8:30 eegalee Fuulhaam Maanchiisteer Yuunaayitiid waliin yoo taphatu, sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Bireentifoordi Weestahaam Yuunaayitiid, Barnileey Kiristaal paalaas, Eevartan Biraayitan, Maanchiisteer Siitiin Bornimaawuuz fi Sheefiild Yuunaayitiid Wolvar Hampiton waliin falmatu.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.