Fana: At a Speed of Life!

Tarkaanfii shaneerratti godinaalee 9 keessatti fudhatameen Uummanni tasgabbii argate – Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2014 (FBC) – Tarkaanfii shaneerratti godinaalee 9 keessatti fudhatameen Uummanni tasgabbii fi boqonnaa argachuu Biiroon Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa beeksiise.
Itti aanaa hogganaan Biiroo Bulchiinsaf nageenyaa Oromiyaa Koloneel Abbabaa Garasuu turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaaniin tarkaanfii qindaa’aa qaamoleen nageenyaa shaneerratti fudhataniin garichi akka kanaan duraa sodaa nageenyaa hin ta’u jedhan.
Godinaalee Gujii lamaan, Wallaggaa Arfan, Shawaa Kaabaa fi Lixaa, akkasumas Shawaa Bahaatti tarkaanfii fudhatameen garicha qulqulleessuun danda’amuu Koloneel Abbabaan himaniiru.
Garicha qulqulleessuuf gumaachi Uummanni qaamolee nageenyaaf taasiise olaanaa ture jedhan.
Uummanni odeeffannoo laachuu, nyaata qaamolee nageenyaaf dhiyeessuu fi deeggarsa biroo taasiisuun tarkaanficha bu’aa qabeessa godheera jedhan Koloneel Abbabaan.
Kanaanis sochiin diinagdee fi hawaasummaa godinaalee 9 keessatti gufatee ture yeroo ammaa gara sochii idileetti deebi’uu himaniiru.
Yeroo ammaa shaneen sadarkaa sodaa nageenyaa hin taanerratti kan argamu ta’uu kaasaniiru.
Qaamolee kanneenirratti tarkaanfii fudhachuun cimee kan itti fufu ta’uu himaniiru.
Balaay Tasfaayeetu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.