Fana: At a Speed of Life!

Tarminaalli konkolaattoota fe’umsaa gurguddoo Diichoottoo tajaajilaaf banaa ta’e

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (FBC ) – Tarminaalli konkolaattoota fe’umsaa gurguddoo Diichoottoo eebbifamuun tajaajilaa eegaluu ibsame.

Tarminaallichi lafa hektaara 12 irratti kan ijaarrame yoo ta’ konkolaattoota 750 keessummeessuu danda’a jedhame.

Sirna eebba Tarminaallichirratti Ministira Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Magos, Preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Tarminaalichi sarara ba’umsaa fi galumsaa Ityoo – Jibuutiirratti eebbifamuun hojii eegaluun isaa damee hundaan faayidaa olaanaa qabaachuu aadde Daagmaawiit ibsaniiru.

Tarminaalichi tajaajila  fe’umsaa guddisuun ala jiraattoota naannichaaf carraa hojii kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Leykuun Alemtu gabaase

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

 

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

 

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa .

 

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.