Fana: At a Speed of Life!

Teeknoolojiin naannawaa gammoojjii fi hanqinni bishaanii jiru, misoomsuu danda’u gara biyyaatti galuufi

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)- Teeknoolojiin naannawaa gammoojjii fi hanqinni bishaanii jiru, misoomsuu danda’u gara biyyaatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Innooveshinii fi Teeknooloojii ibse.
Deettaan Ministira Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimad Mahaammad jilli Ityoophiyaa Emireetota Araba Gamtoomanitti hooggantootaa fi ogeessoota qabeenya qilleensaa olaanoo waliin marii’ataniiru.
Marichaan Emireetota Araba Gamtoomaniitti muuxxannoo waljijiirraa bakkeewwan gammoojjii fi hanqina bishaanii qaban mala teeknooloojiin misoomsuu taasisaniiru.
Deettaan Ministira Innooveshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ahimad Mahaammad dhiyeenyatti teeknooloojii fayyadamuun naannawaa gammoojjii fi hanqinni bishaanii jirutti misoomsuuf yaalii akka taasisaan ibsuun, meeshaalee, ogeessootaa fi teeknooloojii barbaachisaan gara biyyatti galchuuf adeemsarra akka jalqaban himaniiru.
Jillichi Dooktar Ahimad Mahaammadiin durafamu hooggantoota hojii waajjira muummee ministiraa, ejansii meetiyoorooloojii biyyaalessaa, abbaa taayitaa yaa’aa, giddugala hubannoo namtolchee, instiitiyuutii Teeknooloojii fi Innooveshinii ejansii informeeshinii fi tika nageenyaa fi institiyuutii spees saayinsii irraa walitti baba’an ofkeessatti kan qabate tahuu ragaan ministeericha irraa arganne ni mul’isa.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.