Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojii  duumeessa roobsuun qonna deeggaraa anniisaa ifaa dabalataa argachuuf ni gargaara- Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Bitootessa 25, 2013 (FBC) –  Teeknoolojiidhaan duumeessa gara roobaatti jijjiiruun qonna kan deeggaruu fi  anniisaa ifaa dabalataa argachuuf akka gargaaru Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad himaniiru..

Waltajjii beeksiisa teeknooloojii rooba roobsuu Obsarvaatorii Inxooxootti gaggeeffamera.

Waltajjicharratti Dooktar Abiy Ahimad Ityoophiyaan hidhawwan jallisii fi humna elektirikaa maddisiisaan wayita ijaara jirtutti teeknooloojii kanarra fagaachuun bu’aa qabeessa hin taasisuu jedhaniiru.

Teeknooloojichi uumamaa waliin kan walitti hin buunee yoo ta’u, keennaa argamee sirnaan fayyadamuudha kan jedhan Dooktar Abiy, hojiiwwan akka kana babaldhisuun jireenyaa lammiilee jijjiiruuf akka hojjetamuu himaniiru.

Ta’us nageenyaa biyyaa fi miira obbolummaa  hanga eguun hin danda’amneetti hundi bu’aa waan dhabuuf mootummaan nageenyaa lammiilee eeguuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo amma kanaa addoota 8 irratti raayyaan ittisa biyyaa fi poolisiin federaalaa humnoota farraa qonnaan bulaa ta’aan qulqulleessaa jiraachuu himaniiru.

Yaaliin teeknooloojii taasifamaa jiru guutinsa bishaanii hidha haaromsaa guddichaa marsaa 2ffaan walqabsiisee naannoolee yaa’aa gadii bishaan Abbaayitti baatiwwan lamaan darbanitti hojiirraa oleera jedhan.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.