Fana: At a Speed of Life!

Tiibii dhaabuuf karoora qabame milkeessuuf hirmaannaa barbaachisa jedhame

Finfinnee, Bitootessa 13, 2016 (FBC)- Bara Faranjootaa 2023’tti tatamsa’ina dhibee Tiibii dhaabuuf akkataa karoora qabameen waggoottan 7’n dhufan xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Yaa’iin qorannoo waggaa Tiibii 18ffaan har’a Finfinneetti gaggeeffameera.

Ministiri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan yaa’icharratti haasawaa taasisaniin, Itiyoophiyaan tatamsa’ina dhibee Tiibii dhaabuuf bu’uura waliigaltee Idil Addunyaa mallatteessiteen, waggoottan 20’n darban qorannoowwanii fi qo’annoowwan garaagaraa gaggeessuun hojiilee bal’aa hojjechaa turuu eeran.

Yaa’iin qorannoo waggaa Tiibii kunis dhibecha ittisuu fi to’achuuf adeemsa gaggeeffamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabaatu dubbachuu ragaan Biiroo Fayyaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Imaammata fayyaa dursanii ittisuu Itiyoophiyaan hordoftuun tatamsa’ina dhibee Tiibii hir’isuuf hojiilee hojjechaa jirtuun bara Faranjootaa 2015 hanga 2020’tti tatamsa’ina dhibechaa %31.3tti hir’isuun akka danda’ame dubbataniiru.

Hammi du’aatii dhibechaan qaqqabuus %34.6’n hir’isuun danda’ameera jedhan.

Bara Faranjootaa 2023’tti tatamsa’ina dhibee Tiibii dhaabuuf akkataa karoora qabameetiin waggoottan 7’n dhufan xiyyeeffannaan kan hojjetamu ta’uu eeranii, karoorri kunis bu’aa akka argamsiisuuf qaamoleen dhimmichi ilaallatuu fi dhaabbileen tumsitootaa gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.