Fana: At a Speed of Life!

Tiraampi sandootaa Iccitii Ameerikaa sirnaan hinqabne jedhamuun himataman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2015 (FBC)- Pireezidaantii Duraanii Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi iccitii niwukilaraa Ameerikaa fi sandoota loltummaa dabalatee sandootaa iccitii hedduu sirnaan hinqabne jedhamuun himatamaniiru.

Tiraampi sandoota iccitii kanneen mana jireenyaa isaanii Filooriidaatti argamu keessa ‘Kutaa Daansii fi mana dhiqanna’ keessaa dhoksan jedhamanii himanni irratti banameera.

Kanaan walqabatees Tiraampi “Qorattoota Sobaniiru” jedhame.

Dabalataan, qabiinsa sanadootaan walqabatee adeemsa qorannoo gufachiisuuf yaalaniiru jedhamanii himatamuu BBC’n gabaaseera.

Filannoo Pireezidaantummaa bara Faranjootaa 2024’f kan dorgoman Doonaaldi Tiraampi himannaa irratti dhiyaate waakkachuuf dogoggora hinuumne jedhaniiru.

Ogeeyyiin seeraa ammoo Tiraamp himannaa irratti dhiyaateen yakkamaa ta’aanii yoo argaman adabbii hidhaa cimaan akka eeggatuun ibsaa jiru.

Himannaa akaakuu 37 fuula 49 qabu kan irratti dhiyaate yoo ta’u, seenaa mootummaa federalaa Ameerikaa keessatti, pireezidaantii duraanii biyyattii himataman jalqabaa ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.